Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Malkaa Sabbataa karaa duudhaa fi safuu Ummata Oromoo eeggateen kabajame

 

Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Irreechi Malkaa Sabbataatti bakka abbootii Gadaa ,haadhoolii siiqee , qeerroo fi qarree akkasumas sabaa fi sablammoonni argamanitti karaa duudhaa fi safuu Ummata Oromoo eeggateen kabajameera.

Abbaan Malkaa Sabbataa obbo Isheetuu Ariitii , irreechi bara kanaa akkaataadhuma waamicha Gamtaa Abbootii Gadaatiin darbeen namoota muraasaan kabajamuu himan.

Sirni irreeffannaa duudhaa fi safuu isaa eeggatee akka itti fufuuf dhaloonni amma gahee irraa eegamu bahuu akka qabus dhaaman.

Namoonni sirna irreeffannaa kanarratti hirmaatanis Sirni irreeffannaa hawata turistii ta’uun guddina diinagdee biyyaa keessatti akka gumaachuuf kana caala irratti hojjetamuu qaba jedhan.

Sirni irreechaa duudhaa isaa qabatee akka itti fufufiis gahee irraa eegamu kan bahaan ta’uu dubbatan.

Sabaa fi sablammoonni ayyaanicharratti hirmaataniis irreechi walitti dhufeenya sabaa fi sablammootaa jabeessuun tokkummaa biyyaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himan.

Kantiibaan Magaalaa Sabbataa, obbo Biraanuu Baqqalaa gama isaaniitiin irreechi Malkaa Sabbataa karaa nagaatiin akka irreeffatamuuf qaamolee tumsan galateeffatan.

Akka gabaasa OBNtti milkaa’inni irreecharratti argame hojiiwwan misoomaa kaan irratti akka dabalamuuf tumsi ummataa fi qaamoleen gara garaa gochaa jiran cimee itti fufu akka qabus dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.