Fana: At a Speed of Life!

Awurooppilaanoota 5 Roobii dhufu galchuuf carraaqqi taasifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Weerara hoomaa Awwaanisaa ittisuuf keemikaalaa kan biifaan Awurooppilaanoota 5 Roobii dhufu galchuuf carraaqqi taasifamaa jiraachuun ibsame.

Ityoophiyaa bakkeewwan tokko tokkotti weerara hoomaa Awwaanisaa uumamee ittisuuf keemikaala kan biifaan Awurooppilaanota 5 hanga Roobiitti alaa galchuuf carraaqqii taasifamaa jiraachuu Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen himaniiru.

Hoomaan Awwaanisaa wayita ammaa naannoo Tigiraay, Amaaraa, Affaar, Oromiyaa fi Somaalee akkasumaas bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti uumamuu obbo Umar dubbataniiru.

Obbo Umar naannoolee waliin qindoomina cimaa uumuun keemikaala barbaachiisaa, konkolaataa, Helekoptaroota sonan fi Awurooppilaanoota biifaan akkasumaas ogeessota ramaduun qomoolee tumsa idila addunyaa waliin ta’uun hojii too’achuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkinichi hammaachaa dhufuun Awurooppilaanoota 5 dabalaatan gara hojiitti galchuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.