Fana: At a Speed of Life!

Kutaa bulchiinsa Booleetti shakkoomtoonni maallaqa sobaa miiliyoona 2 ol maxxansaa turan too’ataman

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Booleetti namoonni nootti maallaqa Sobaa miiliyoona 2 ol maxxansaa turan eeruun ummataan too’atamuu ibsame.
 
Shakkamtoonni maallaqa sobaa birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 3 ol qopheessaa turaan too’atamuu Komishinniin Poolisii magaalaa Finfinnee beekisseera
 
Shakkamtoonni 2 noottii Birrii sobaa Ityoophiyaa dabalatee Doolaara Ameerikaa fi maallaqa biyyoota garaagaraa mana jireenyaa isaanii keessatti yeroo qopheessan meeshaalaa adda addaa waliin harkaa harkaatti to’atamuu isaanii qajeelcha Poolisii kutaa bulchiinsa Booleetti itti gaafatamaan yakkaa fi qorannoo balaa Tiraafikaa itti aanaan Inispeektaraa Yaareed Taarraqanyi ibsaniiru.
 
Shakkamtoonni kunneen lammii Iyvoorii koosti maqaa daawwannaan gara Ityoophiyaa dhufan yoo ta’an, wayita biyya seenaan meeshaaleen galmeessanii galan tokkooyyuu hin jiru jedhame.
 
Maallaqa maxxansuun baayy’isuuf karoorfatanii gara Ityoophiyaa galuu isaanii qorannoon hanga ammaattii taasifame ni agarsiisa jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.