Fana: At a Speed of Life!

Harariitti daandii aspaaltii Birrii miiliyoona 78’n ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC)- Naannoo Harariitti daandii aspaaltii Birrii miiliyoona 78’n ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ameera.

Daandiin proojaktiicha ulaa Eraar Hararii hanga Eraar Waldiyaatti kan jiruudha jedhameera.

Dhagaan bu’uurichaa preezdaantii mootummaa naannoo Hararii obbo Ordiin Badriin, itti aantuun isaanii Misraa Abdallaa dabalatee hoggantoota hojii olaanoo akkasumas bakka buutoota kutaa hawaasa garaagaraan ka’ameera.

Ijaarsi proojakticha waggaa 1 keesaatti akka xumuramu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.