Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Beeniyaamin Netaaniyaahu waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiira FDRI Dooktar Abiy Ahimad muummee ministira Israa’eel Beeniyaamin Netaaniyaahu waliin dhimma naannichaarratti bilbilaan mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Irsaa’eel Emmireetota Arabaa Gamtoomanii fi Bahireen waliin waliigaltee seenaa qabeessarra ga’uu isaanii Beeniyaamin Netaaniyaahu baga gammaddan jedhaniiru.

Aanga’oonni lameen haala Ayiwuudonni Ityoophiyaarra gara Israa’eel deebi’uu danda’aan irratti mari’ataniiru.

Dooktar Abiy hariiroon waloo Israa’eelii fi Ityoophiyaan baroota dheeraaf qaban cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Aanga’oonni kunneen tumsa damee qonnaarratti deeggarsi Israa’ee Ityoophiyaaf taasiftu haalaa cimsuun danda’amuurrattis waliigalaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.