Fana: At a Speed of Life!

Jilli gamtaa Awurooppaa Jooseep Booraliin durfamu naannoo Soomaalee gale

Finfinnee,Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Jilli Dhimma Alaa fi Imaammata nageenyaa gamtaa Awurooppaa itti aanaa Preezdaantii gamtichaa Jooseep Booraliin durfamu naannoo Soomaalee gale.
 
Jilli kun wayita magaalaa Jigjigaa ga’u preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee dabalatee hoggantoota olaanoo naannichaan simatamaniiru.
 
Hojiilee naannichaa fi akka biyyattiitti hojjetaman ilaalchisee Preezdaantiin naannoo Soomaalee obbo Musxafee Muhaammad jila kanaaf ibsa taasiisaniiru.
 
Waggoottaan laman darbanitti hojiilee mirga namoomaa, nageenya, fayyaa, barnoota, carraa hojii uumuu fi dhimmoota siyaasaan walqabatee hojjetamerratti ibsa bal’aa jilichaaf laataniiru.
 
Bakka bu’aa olaanaan Komishinii gamtaa Awrooppaa fi itti aanaan preezdaantii Komishinichaa Jooseep Booraliin gama isaaniin ibsa Preezdaantichaan taasiifametti gammaduu ibsaniiru.
 
Jijjiirramni naannichatti muul’ate jajjabeessaa fi gamtichi deeggarsa taasisu kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.