Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 902 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 902 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,668 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 902 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 81,797 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 764 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 36,434 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,262 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 44, 099 keessaa 253 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 327 fi 832 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.