Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Kiirgiiztaan Kuubaatbeek Booroonoov aangoo gadi dhiisan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Kiirgiiztaan Kuubaatbeek Booroonoov aangoo gadi dhiisan.

Muummeen Ministiraa Kiirgiiztaan Kuubaatbeek Booroonoov aangoo gadi dhiisuun kan beeksisan yoo ta’u, Af yaa’iin Mana Maree biyyattii Daastaan Juumaabeekoovis aangoo gadi dhiisuuf xaalayaa galfataniiru.

Koomishiniin filannoo biyyatti bu’aa filannoo paarlaamaa Dilbata darbe gaggeeffamee haqeera.

Sababa kanaan Muummeen Ministiraa fi Af yaa’iin Mana Maree biyyattii aangoo gadi dhiisaniiru.

Koomishiniin filannoo biyyattii filannoon gaggeeffame waliin dhahame jechuun bu’aa isaa kuffiseera.

Guyyoota darban keessa lammiileen biyyattii bu’aan filannoo sirrii miti jechuun mormiif dirreetti ba’uun qaamolee nageenyaa waliin waliiti bu’uun isaanii kan yaadatamuudha.

Paarlaamaan biyyattii walga’ii ariifachiisaa gaggeesseen Saadiir Zhaapooroov Muummee Ministiraa yeroo taasisuun muudera.

Saadiir Zhaapooroovin bara Faranjootaa 2013 uggura aanga’oota olaanoo irratti raawwataniin waggoota 11f adabbiin mana sirreessa keessa kan turaniidha.

Maddi:- al jazeera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.