Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoota dabalataa 81 irratti vaayrasii koroonaa argame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 81 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 260 hojjetameen vaayrasichi namoota 81 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 12, 728 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 101 darbeera.

Namoonni haaraan 46 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 7657 dandamataniiru.

Namoonni 24 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4970 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 197,233 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.