Fana: At a Speed of Life!

Kibba Dhiha Ityoophiyaatti gaaffiin godinaalee 5 fi aanaan addaa tokko waliin naannoo tokko ta’uuf gaafatan sagalee guutuun ragga’e

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Kibba Dhiha Ityoophiyaatti gaaffiin godinaalee 5 fi aanaan addaa tokko waliin naannoo tokko ta’uuf gaafatan sagalee guutuun ragga’e.
 
Godinaaleen Kibba Dhiha Ityoophiyaatti argaman 5 fi aanaan addaa tokko waliin ta’uun naannoo tokko hundeessuuf Mana Maree Federeeshiniif gaaffii dhiyeessanii turan.
 
Bu’uruma kanaan Manni Maree Federeeshinii erga irratti mari’atee booda yaadni dhiyaate gama Boordii Filannoo biyyaaleessan murtoon ummataa akka gurmaa’u sagaalee guutuun ragga’eera.
 
Gaaffii kana kan dhiyeessaan godina Kafaa, Beenchii, Shakkoo, Dhiha Oomoo, Daawuroo, Shakkaa fi aanaa addaa Koontaati.
 
Godinaaleen kunneen afaan, aadaa, seenaa fi teessuma lafaa walitti dhiyaatu waan qabnuuf naannoo tokko yoo taane caalmaatti bu’aa qabeessa taana jechuun gaaffii dhiyeessuu isaanii ibsameera.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.