Fana: At a Speed of Life!

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kallattii intarneetiin laachuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Barnootaa FDRI beeksise

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)- Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kallattii intarneetiin laachuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Barnootaa FDRI beeksise.

Qormaata kutaa 12ffaa bara 2012 kallattiin laachuuf dhiyeessiin ibsaa fi intarneetii akka mijatu hojjetamaa jira jedheera.

Ogeeyyidhaafis leenjii laachuun eegalameera.

Malli kun hanna qormaataa hambisuun cinaatti, baasii waraqaadhaf ba’uu fi yeroo soroorsuuf fudhatu ni qusata jedheera ministeerichi.

Taableetonni qormaanni ittiin laatamu dhiyeenya barataaf ni raabsamuun eegama.

Barattoonni teeknooloojichaan akka walbaran yeroon torbee sadii gadi hin taane ni laatamaaf.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.