Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni weerara vaayrasii koroonaa ittisuu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)- Ministeerrii Fayyaa qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuun lammiileen sosochii diinagdee fi hawaasummaa akka taasisan gargaaru ifoomseera.
 
Ityoophiyaatti baatii Bitooteessaa 2012 kan muul’ate weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaan inni qaqqabisiisu dabala jira.
 
Yeroo ammas namoonni kumni 79 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 1 fi 200 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Qajeelfamichas Ministeera Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawasaa Ityoophiyaa waliin qopheessaniiru.
 
Ministirrii Ministeerri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan qabiyyee qajeelfamichaarratti ibsa laataniiru.
 
Mootummaan ammentaa tamsa’ina weerara vaayrasichaa ittisuuf labsii yeroo ariifachisaa labsee turuun isaa ni yaadatama.
 
Labsiichi ka’urratti hundaa’e hawaasni of dagannaa keessa galuurraan kan ka’ee ammentaan tamsa’ina vaayrasichaa naannoo hundaatti faca’uun sodaa uumuu ibsaniiru.
 
Ministirittiin qajeelfama weerara vaayrasichaa ittisuun hawaasni of eeggannoo taasisuun sosichii hawaasummaa fi diinagdee akka hojiirra olchuu ibsaniiru.
 
Qajeelfamichi namni vaayrasii koroonaatin qabamee gara biyyaa seenuu, namoota waliin xuxxuqqii qabachuu, nagaa walgaafachuufis ta’ee harka wal fuchuu fi wal hammachuu ni dhorka.
 
Daa’ima umri waggaa 5 gadii kan ta’ee malee namni kamiyyuu haguugduu afaanii fi funyaanii osoo hin kaawwatin sochii yoo taasise seeraan itti gaafatama jedhaniiru.
 
Iddoowwan daldala, geejjiba, tajaajila uummataatti fageenya ofii eeggachuu fi maaksii kaawwachun dirqama ta’uus himaniiru.
 
Dhaabbileen barnoota dhuunfaas ta’ee mootummaa wayita barnoota eegalan qajeelfamichi yoo isaan hin geenye barnoota kan hin eeggalle ta’u Dooktar Liyaan yaadachisaniiru.
 
Gidduugalonni daa’mmanis qajeelfamni ittiin tajaajila laatan hanga ba’uufitti cufamanii akka turan ibsaniiru.
 
Namni mallattoo COVID-19 agarsiise tokkoo mana keessaatti yaalaa akka taasisuu fi yoo xiqqatee guyyoota 14 hawaasarra ofiisa addaa baasuun akka turu dirqama jedhaniiru.
 
Imaltoonni biyya biroo irraa gara biyyaa galaan daa’ima umri waggaa 10 olii kan ta’ee biyya irraa dhufeerra vaayrasichaarra bilisa ta’uu kan agarsiisu bu’aa qorannoo fudhatee dhufuu qaba jedhaniiru.
 
Imalaan buufata xiyaarraatti qorannoo erga taasise booda teessoo isaa galmeessun mana isaatti guyyoota 7 addatti of baase turuun dirqama jedhaniiru.
 
Imalaan bu’aa qorannoo poozatavii qabate dhufee gara Ityoophiyaa seenuu akka hin dandeenye Dooktar Liyaan yaadachisaniiru.
 
Sirna awwaalcha, cidhaa fi qophiiwwan hawaasumma mana keessaatti raawwatamuun of eegganno taasisuun namoonni 50 ol akka irratti hin hirmaanne qajeelfamichi ni dhorka jedhaniiru.
Lammiileen qajeelfamicha hojiirra olchuun weerara vaayrasichaa ittisuun qooda isaanii akka ba’aatan Dooktar Liyaan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.