Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa, Sudaan balaa lolaa jalaa oolchuun himame

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Hidhi Haaromsaa Ityoophiyaa Sudaan balaa lolaa jalaa oolchuu Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Shilashii Baqqalaa ibsaniiru.
 
Ministeerichi ibsa kaleessa laataniin Sudaanitti sababa lolaatiin manneen kuma dhibbaan lakkaa’aman yoo barbadaa’an lammiileen kuma kudhaniin lakkaa’aman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniiru.
 
Bara kana hidhi haaromsaa otuu bishaan hin qabanne ta’ee rakkinichi hamaa ta’uu danda’a jedhaniiru.
 
Akka ibsa Dooktar Injiinar Shilashiitti ijaarsi hidha haaromsaa laga Abbayyaa irratti ijaaramu biyyoonni yaa’a gadii balaa loolaatiin akka hin saaxilamne godheera.
 
Baatii fulbaanaa jalqabarra Sudaanitti balaa lolaatiin lubbuun namoota 121 darbuun isaanii ni yaadatama.
 
Hidhichi wayita xumuramu lammiilee Ityoophiyaa miiliyoona 65f humna elektirikii ni laata.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.