Fana: At a Speed of Life!

Taphattoonni garee Kubbaa Miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa 5 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa taphattootaa garee biyyaaleessaaf akka taphatan waamicha taasiiseef 36 keessaa 5 vaayrasii koroonaan qabamuu beeksiseera.
 
Taphattoonni garee biyyaalessaaf taphatan 31 akkaadaamii ‘CAF’ galaniiru.
 
Taphattoota Waancaa Afrikaa Kaameeruun qopheessituuf garee biyyaalessaaf akka taphatan waamichi taasiifameef keessaa taphattoota 5 irratti vaayrasii koroonaa argamu ibsameera.
 
Taphattoonni vaayrasichi irratti argame qophaatti foo’amuun hordoffiin yaalaa taasiifamaafi jiraachuu federeeshinichi ifoomseera.
 
Leenjisaan garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Wubatuu Abaatee tapha gulaallii Niijer waliin baatii Sadaasaa qabaniif taphattoota 41 filachuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Miseesoonni garee biyyaalessaa filataman kunneen har’aa eegalanii shakkallii kan jalqaban ta’uu ibsameera.
 
Miseensoonni garee biyyaalessaa kunneen shaakkallii eegalanii sa’aatii 72 booda qorannaan vaayrasii koroonaa irra deebiin kan taasifamuuf ta’uu ragaan Federeeshinicharraa argame ni muul’sa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.