Fana: At a Speed of Life!

Uhuuruu Keeniyaataan gita isaanii Abduul Fattaahi Al Siisii waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan gita isaanii Gibtsi Abduul Fattaahi Al Siisii waliin mari’atan.
 
Marii haala nageenya naannoo, daldalaa fi duub deebii weerara vaayrasii koroonaa irratti xiyyeeffate taasiisaniiru.
 
Abduul Fattaahi Al Siisiin hariiroo seenaa qabeessaa fi walitti dhufeenya bara dheeraa biyyoota lamaanii dinqisiifachuun walitti dhufeenya tarsiimoo qaban caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
 
Dhaabbiileen Gibtsi hojiilee ijaarsa misooma manneenii, bu’uraalee misoomaa fi dameewwan biroon Keeniyaatti hojjechuuf fedhii qabaachuu eeruu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii Keeniyaarraa argame ni muul’isa.
 
Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan gama isaaniin biyyi isaanii dameewwan garaagaraan hariiroo Gibtsi waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu himaniiru.
 
Hoggantoonni lameen haala nageenyaa fi tasgabbii Baha Afrikaa fi dhimma Hidha Haaroomsaarratti marii taasisuu isaanii himameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.