Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Somaaliyaa Mahaammad Faarmaajoo Asmaraa galan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Somaaliyaa Mahaammad Faarmaajoo Asmaraa galan.

Preezdaantiin Somaaliyaa Mahaammad Faarmaajoo dawwannaa hojii taasisuuf Eertiraa magaalaa Asmaraa galaniiru.

Preezdaanti Mahaammad Faarmaajoo dawwannaa hojii guyyaa lamaaf Asmaraa wayita galan Preezdaantiin Eertiraa Isaayyas Afawarqii simannaa taasisaniiruufi.

Daawwannichaan anga’oonni lamaan hariiroo biyyoota lameenii dhimmoota cimsuu danda’anirratti ni marii’atu jedhamet eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.