Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa bifa weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amuun kabajameera – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2013 (FBC)- Ayyaanni Irreechaa bifa weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amuun kabajameera – obbo Shimallis Abdiisaa

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaanni Irreechaa bifa weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amuun kabajamuu himaniiru.

Obbo Shimallis xumura kabaja ayyaana Irreecha ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin, ayyaanni Irreecha bara darbe bakka namoonni miiliyoonaan lakkaamutti kabajamuu ibsuun bara kana sababa vaayrasii koroonaan namoota muraasaan kabajameera jedhan.

Kanaanis, hirmaatonni ayyaanicha ergaa Abbootii Gadaa dhaga’uun ofeeggannoon kabajameera jedhan.

Ayyanichi nagaan akka xumuramuuf ga’ee isaanii kan aba’atan Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Qarree fi Qeerroo akkasumaas qaamolee nageenyaa galateeffataniiru.

Ayyaanni kun baroota dheeraaf akka hin kabajamne ta’aa turulle Abbootiin Gadaa ayyaanni kun bifa eeggatee akka turuuf taasisaniiru jedhan.

Humnoota farra nageenyaa Fulbaana 30 booddee mootumman hin jiru jedhan ilaalchisee guyyaa lakkaa’uun wanti diigamu hin jiru jechuun dubbataniiru.

Humnoonni kunneen dogoggora isaanii irraa sirrachuun, gara daandii sirriitti akka deebi’aniis himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.