Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injiinar Silaashi Baqqalaa Kaaveraa Songiwee waliin ta’un ijaarsa hidhaa madda humna elektirikii Kooyishaa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2013 (FBC)- Dooktar Injiinar Silaashi Baqqalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Barreessaa Olaanaa koomishiini diinagdee Afrikaa Kaaveraa Songiwee waliin ta’un ijaarsa hidhaa madda humna elektirikii Kooyishaa daawwatan.
 
Ministirri Ministeera Bishaani,Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silaashi Baqqalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Barreessaa Olaanaa koomishiini diinagdee Afrikaa Kaaveraa Songiwee waliin ta’un ijaarsa hidhaa madda humna elektirikii Kooyishaa daawwataniiru.
 
Dooktar Injiinar Silaashi Baqqalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Barreessaa Olaanaa koomishiini diinagdee Afrikaa Kaaveraa Songiwee waliin ta’un ijaarsa hidhaa madda humna elektirikii Kooyishaa fi Gibee 4ffaa akkasumaas humna maddisiisaa kan jiru maddaa elekrikii Gibee 3ffaa daawwataniiru.
 
Dooktar Injiinar Silaashi Baqqalaa daawwannan kanaan qabeenya Bishaanii Ityoophiyaan qabdu guddina waaraa fiduu fi jireenyaa lammiilee foyyeessuuf akkamin fayyadamaa akka jirtu ilaaluuf carraa kan uume ta’uu himaniiru.
 
Laga Oomo irratti proojaktiwwaan madda ibsaa garagaraa 4 hojjechuun, laggeen biroo irratti akkamin fayyadamuu akka dandeenyu kan agarsisuudhas jedhaniiru.
 
Gibee sadaffaan waggoota sadiin dura ijaarsi isaa xumuramee yeroo amma kanatti humna ibsaa Meeggaa Waattii 1870 maddisisuu kan danda’u yoo ta’u proojaktiin Gibee 4ffaa ammatti ijaarsisaa harka 39 gahe yoo xumurametti humna Ibsaa Meeggaa Waattii 2160 maddisisuu akka danda’u Dooktar Injiinar Silaashin himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.