Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee nagaan kabajamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)- Ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee nagaan kabajamuu komishiniin poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee bakka abbootii gadaa haadholiin sinqee, qerroo fi qarree akkasumaas keessummonni affeerraman argamanitti kabajameera.

Ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan kabajamuus ibsameera.

Komishiniichi ayyaanni irreechaa bara kana nagaan akka kabajamuuf kanneen shooraa isaanii ba’aan abbootii gadaa, hirmaattota ayyaanichaa, rayyaa ittisaa biyyaa, tajaajila nageenya odeeffannoo biyyoolessaa fi hoggantoota komishiini poolisii federaalaa fi Oromiyaa galateeffateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.