Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Tiraamp hospitaala galan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga vaayrasii koroonatiin qabamuun isaanii mirkana’ee booda hospitaala galaniiru.

Preezdaantichi vaayrasichi xiqqoo waan dadhabsiiseef malee fayyaa isaanii haala gaarirra jira jedhameera.

Tiraamp hospitaala galuun yaala fudhataa jiru.

Haatii warraasaanii Melaaniyaa Tiraamp waliin hospitaala akka jirtu ibsameera.

Preezdaantichi wayita helikoptaraan Waayita Haawusii gara hospitaalaatti geeffamaniitti maaskii kana dura hin kaawwanne uffatanii mullataniiru.

Maddi:-Aljaziira

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.