Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Taajuuraa haaraan tajaajila fe’umsa sibiilaa fi dhagaa cilee keessummeessa jira

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) – Buufanni Taajuuraa haaraan tajaajila fe’umsa sibiilaa fi dhagaa cilee keessummeessa jira.

Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Tajaajila Loojistikii Ityoophiyaa baatii Adoolessaa irraa eegalee tajaajila laachuu kan jalqabe buufanni Taajuuraa haaraan fe’umsa sibiilaa fi cilee haala gaariin keessumeessaa jirachuu ibsame.

Buufanni tajaajila doonii jalbe dhagaa cilee Ispaar Kaappeellaa jedhamu Afrikaa Kibbaarraa toonii kuma 50 fe’ee dhufuufi dabalataan dooniwwan fe’umsa dhagaa cilee fi sibiilaa lama keessumeessu ibsameera.

Torbee kana dooniin Finfinnee jedhamu buufata Turkii sadirra kan fe’e sibiila toonii kuma 25 fi382.4 buusuu irratti akka argamu Itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa Ibaatiloo’ad Damee Tajaajila Shiippiingii Kaappiteen Taffarraa Badhaasaa ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.