Fana: At a Speed of Life!

Koreen Qindeessaa Nageenya Biyyaalessaa ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ibsa laateera

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC)  – Koreen Qindeessaa Nageenya Biyyaalessaa ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ibsa laateera.

Ibsichaan ayyaanichi nagayaan akka hin kabajamneef humnoonni farra nageenyaa sochii taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Dabalaatan ayyaanicharratti miidhaan akka qaqqabuuf humnoota farra nageenyaa fo’uun, leenjisuu fi hidhachiisuun hojjechaa kan jiran ta’uun hangi tokko to’atamuus ibseera.

Korichi humnoonni badii kun sirna mootummaa balleesuuf yakkoora garagaraa raawwachaa jiraachuu ibseera.

Hawasni humnoota nageenyaa waliin ta’uun nageenya akka kabachiisu hubachiiseeera.

Korichi namni kamiyyuu seera biyyattii eegguu fi eegsisuuf ga’ee lammummaa ba’achuu qaba jedheera.

Ayyaanni Irreechaa kan anagayaa fi jaalalaa akka ta’u hawwii isaa ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.