Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Karooraa fi Misoomaa karoora waggaa 10 irratti hoggantoota paartilee morkattootaa waliin mari’achaa jira

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) – Komishiniin Karooraa fi Misoomaa karoora waggaa 10 irratti hoggantoota paartilee morkattootaa waliin mari’achaa jira.
 
Marichaan Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misoomaa Dookatr Fitsuum Asfaw akka beeksisanitti waggoota darbaan guddina galmeessaa turullee, rakkinoota dhabamsiisuu ga’aa hin turre jedhaniiru.
 
Waggoota darban rakkinoonni makiroo ikonoomiin waldhahuu, lakkoofsa hojii dhabaa dabaluu, dhiibaa idaa, hanqina dhartafa alaa, qulqullina bu’uuraalee misoomaa akkasumas qulqullini fayyaa fi barnootaa akka ture eeraniiru.
 
Rakkinoota kana furuur karoora waggaa kudhaniin dame sagal irratti xiyyeeffannoon adda ba’eera.
 
Kanneen keessaa, misooma damee faayinaasi, madda guddina diinagdee, damee bu’uuraalee misoomaa, damee misooma magaalaa akkasumaas dameen nageenyaa ni argamu.
 
Kanaanis, bara 2022tti guddina qabeenyaa 10.2 % galmeessuuf karoorfameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.