Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Irreechaa marsaa 2ffaa har’a Magaalaa Finfinnee Hooteela Sharaatanitti taa’ama jira

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) – Fooramiin Irreechaa marsaa 2ffaa har’a Magaalaa Finfinnee Hooteela Sharaatanitti taa’ama jira.
 
Kaayyoon Fooramii kanaas Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa tokko kan tahe Irreecha beeksiisuufi qo’annoofi qorannoon gadi fageenya qabu hayyootaan akka irratti hojjetamuuf haala mijeessuufi jedhan Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, Obbo Kabbadaa Deessisaa.
 
Fooramii Irreecha kanarratti Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galuunsaa faayidaan inni qaburratti bal’inaan ni mari’atma jedhaniiru.
 
Fooramii Irreechaa kanarratti waraqaleen qorannoo sadi kan dhiyaatan tahuu fi isaan keessaa lama duudhaa Sirna Gadaarratti kan xiyyeeffatanidha.
 
Tokko ammoo Ayyaanni Irreechaa akkaataa ulaagaa UNESCOtiin hambaa killiyaa addunyaa tahee galmaa’uuf carraa qaburatti kan xiyyeefatuudha.
 
Fooramiin kun Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee sadarkaa 1ffaatti ittiin barsiifamuuf qopha’amunsaa fi Ayyaanni Irreechaa hambaa addunyaa tahee akka galmaa’uuf gumaacha olaanaa qabas jedhameera.
 
Fooramii Irreechaa 2ffaa kanarattii namoonni 250 kan hirmaatan yoo tahu, dipplomaatoonni, qaamoolee hoggansa olaanoo Mootummaa Federaalaafi Naannoo,bakka bu’oonni UNESCO,Hoggansi Naannoolee,bakka bu’oonni Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa,Preezdaantoonni Dhaabbilee Barnoota olaanoo,Abboottiin Gadaa,Hadhooleen Siinqee,hayyoonni,dargaggoonni,Aartistoonniifi Hoggantoonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qooda ni fudhatu jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.