Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa guyyaa barsiisoota sadarkaa biyyaalessatti kabajuuf qophii xumuruu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) –Ministeerri Barnootaa guyyaa barsiisoota sadarkaa biyyaalessatti kabajuuf qophii xumuruu beeksise.
 
Ministirri Deettaan Ministeera Barnootaa Doktar Garramaw Hulluuqaa barsiisoonni dhaloota qaruu keessatti ga’ee olaanaa wan qabaniif barsiisootaaf bekkamtii fi ulfina laachuun barbaachisaadha jedhaniiru.
 
Mootummaan bara kanaa eegalee sadarkaa biyyaalessatti guyyaa barsiisootaa akka kabajamu murteessuu himaniiru.
 
Guyyichi barsiisoota kabajuu fi qorannoowwan garagaraa dhiyeessuun marii taasisuun yaadamee akka oolu ibsaniiru.
 
Preezdaantiin waldaa Barsiisoota Ityoophiyaa Dooktar Yoonaas Bantii gama isaaniin guyyicha kabajurra darbee kabajaa fi gaaffii barsiisoota duraan turee deebisuufis ni hojjeta jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.