Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 89 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 89 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 652 hojjetameen vaayrasichi namoota 84 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 11,803 ga’eera.
Lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 92 darbeera.
Namoonni haaraan 65 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 6831dandamataniiru.
Namoonni 13 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4880 ta’uu biirichi ifoomseera.
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 193301 gaggeeffameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.