Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ‘Kophee tokko barataa tokkoof’ jechuun hojii gaarii eegaleen kopheen Birrii miiliyoona 5 olitti tilmaamamu arjoomame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) –Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ‘Kophee tokko barataa tokkoof’ jechuun hojii gaarii eegaleen kopheen Birrii miiliyoona 5 olitti tilmaamamu arjoomameera.
Kennichi kopheewwan kuma 12 fi 500 bituu danda’a jedhameera.
Keennaa kana kan arjooman jiraataa magaalaa Adaamaa kan ta’an Nuur Sulxaan Mahaammaadidha.
Kennicha Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fuudhaniiru.
Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee rakkoowwan hawaasummaa magaala Finfinnee furuuf qamni hundi tumsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.