Fana: At a Speed of Life!

Naannnoon Gaambeellaa naannoo Affaaritti kutaalee hawaasaa balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Naannnoon Gaambeellaa naannoo Affaaritti kutaalee hawaasaa lolaatin miidhamaniif deeggarsa taasiseera.
Jilli Preezdaantii mootummaa naannoo Gaambeellaa obbo Umad Ujuluun durfamu naannoo Affaar daawwateera.
Wayita daawwannaa kana maqaa ummata naanichaa fi mootummaan Birrii miiliyoona 1.5 kutaalee hawaasaa balaa loolaatiin miidhamaniif deggarsa taasisuun isa ibsameera.
Kanaan dura dhaabbileen naannoo fi federaalaa garagaraa naannoo Affaaritti kutaalee hawaasaa balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsa taasisuun isaanii ni yaadatama.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.