Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 632 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo guyyaa kaleessatiin namoonni dabalataa 632 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 6,631 kan hojjetame yoo ta’u, 632 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 73,332 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 334 yoo dandamata, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 30,363 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 5 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,170 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 41,797 keessaa 249 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 56 fi dhibba 182 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.