Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin xumura dorgaa dorgee Faanaa Laamiroot gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 17, 2013 (FBC)- Dorgommiin xumura dorgaa dorgee Faanaa Laamiroot gaggeeffame.

Dorgaa dorgeecharratti hoji gaggeessan Faanaa Broodkaasting Koorporeet obbo Adimaasuu Daamxaw haasaa saaqinsaa taasisaniin baga ayyaana masqalaa geessaan jedhaniiru.

Obbo Adimaasuun dorgomtootaan as ga’uu keessaniif baga gammaddan jedhaniiru.

Qophiiwwan televiizhiniin darba keessaa Faanaa Laamiroot qophii ogeessaa fi ogummaa wal agarsiisan keessaa isaa olaanaadha jedhaniiru.

Faanaa Laamiroot itti fufinsaan marsaa10ffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, har’a yeroo 11ffaaf gaggeeffameera.

Xumura dorgommicharratti Maqidaas Girmaa, Yoonaataan Nibiraat, Gizaachaw Muulaatuu, Eeliyaas Tashoomaa, Eeliyaas Takilahaayimaanoot fi Salamoon Xigaabee hirmaataniiru.

Imala waggaa 25 kan dabarse Faanaa Broodkaasting Koorporeet qophiwwan jaallatamoo ta’an dhiyeenyatti akka eegalu obbo Adimaasuun ibsaniiru.

Dabalataniis baatii Onkololeessa televiizhiniin sagantaa Afaan Arabiffaan akka eegaluu himaniiru.

Dorgommicha Maqdas Girmaan 1ffaa, Eeliyaas T/haaymaanoot 2ffaa, Yoonaataan Nibrat 3ffaa, Gizaachaw Mulaat 4ffaa, Salamoon Xigaabee 5ffaa, Eeliyaas Tashoomaa 6ffaa ba’uun xumuraniiru.

Maqdas badhaafamtuu Birrii kuma dhibba 5, 2ffaa kan ba’e Birrii kuma dhibba 2, 3ffaa kan ba’e Birrii kuma dhibba 1 badhaafameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.