Fana: At a Speed of Life!

Buqqaatoota deebisanii dhaabuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Fulbaana 14,2013 (FBC)- Buqqaatoota deebisanii dhaabuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha – Dooktar Liyaa Taaddasaa
Lammiilee guutinsa laga bishaan Awaashiin buqqa’an deebisanii dhaabuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa beeksisaniiru.
Dooktar Liyaan naannoo Affaar Amiibaaraa fi Harookaa akkasumaas naannoo Oromiyaa aanoota Fantaalleetti lammiilee sababa guutinsa laga Awaashiin buqqa’an daawwataniiru.
Wayita daawwannaa isaanii mootummaan federaalaa fi naannoo hawaasa waliin qindoominaan hojjechuun rakkoo uumame furuu akka qaban kaasaniiru.
Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaan dhibeewwan akka busaa, koleeraa fi kanneen biro akka hin uumamneef Ministeerri Fayyaa biiroolee Fayyaa naannootii eegalee dhaabbilee fayyaa hnga gandaa jiran waliin qindoomuu ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.