Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Finfinnee barattoota godina addaatif galteewwan barnootaa Birrii 669,210,780 akka dhiyaatu murteesse

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee barattoota godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetif galteewwan barnootaa Birrii 669,210,780 akka dhiyaatu murteesse.
Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 2ffaasaa gaggeesse.
Bitootessa 2012 eegalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjettoonni dhababilee fayyaa bulchiinsa magaalichaa tajaajila yaalaa laachaa turuu fi hojii qindeessuurra turuu beeksiseera.
Kanaafis weerarri vaayrasichaa sodaa ta’uu hanga dhaabutti, bulchiinsi magaalichaa hojjettoota dhaabbilee fayyaatif baasii galii gibiraa danda’uuf murteessera.
Dabalataan jiraattonni godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee, Finfinneerraa fayyadamoo akka ta’aniif murtee dabarseera.
Jiraattonni godina addaa hojiilee misoomaa Finfinneerraa fayyadamoo ta’uu qabus jedheera.
Haaluma kanaan barattoonni manneen barnootaa godina addaa 152,000 kan manneen barnootaa 346 keessatti barnoota isaanii hordofan galteewwan barnootaa Birrii 669,210,780 akka argatan murteesera.
Kanas bulchiinsi magaalichaa kan danda’u ta’a.
Kunis uffata, kophee, galtee barnootaa, tajaajila galmeef kan ooludha.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.