Fana: At a Speed of Life!

Manni murtii olaanaa godina Shawaa Bahaa mirga wabii Birrii kuma 100 obbo Lidatuu Ayyaaleew eyyamee dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC)- Manni Murtii Olaanaa godina Shawaa Bahaa mirga wabii Birrii kuma 100 obbo Lidatuu Ayyaaleew eyyamee dhorkameera.
Wabicha kan dhorke dhaddachaa naannawaa mana murtii olaanaa Shaawa bahaati.
Dhorkichiis kan darbee abbaan alangaa waajjira haqaa Adaamaa ol iyyaanno waan gaafateefidha.
Manni murtiis dhimmichi ol iyyannoo ni gaafachiisa jechuun mirga wabii kenname dhorkuun beellama isaanii Fulbaana 19 akka dhiyaatan ajajeera.
Obbo Lidatuun yaakka meeshaa waraanaa hin eeyyamamne qabachuun himanni irratti banamee turuu ni yaadatama.
Taarik Addunyaatu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.