Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfa sanadootaa fi paaspoortii sobaa  qopheessa ture to’anno jala oole

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC)- Kutaa magaalaa Addiisiitti namni dhunfaa mana isaa keessa paaspoortii dabalatee sanadoota sobaa qopheessa ture to’annoo jala oolera.

Namni kun eeruu uummataan to’anna jala oolu qorannoo taasifama jiraachuu komiishiniin poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Shakkamaan to’anno jala oole naannoo Ameerikaan Gibbii jedhamuutti mana jireenyaasa keessaatti jedhameera.

Buufata poolisii naannoo Markaatootti itti aanaan itti gaafatamaan Ittisaa Yakkaa insiipeektar Iyoob Takkaa,itti fayyadamni raga sobaan biyyaa fi hawaasarra miidhaan qaqqabuu akka danda’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.