Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa biroodkaanstiingii Ityoophiyaa karoora waggaa 10 irratti marii’ate

Finfinnee, Fulbaana 14,2013 (FBC)-Abbaan Taayitaa biroodkaanstiingii Ityoophiyaa karoora waggaa 10 irratti marii’ate.
Abbaan taayitichaa karoorichaan dhimmoota miidiyaalee cimsuu danda’anirratti qaamolee dhimmi ilaalatu waliin mari’ateera.
Maricharratti dhimmoonni siyaasaa, hawaasumaa fi diinaagdee miidiyaa amma jiru akkamiin fooyya’uu akka qabu ka’eera.
Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Biroodkaastiingii Ityoophiyaa Dooktar Geetaachaw Dinquu midiyaa hunda galeessa hawaasa hamate cimsuu fi waliin geesisuu dabalatee karoorro waggaa 10 qophaa’uu himaniiru.
Kanaanis, kroorichi sirreeffama, bashanaansisoo, barsiisoo fi fayyadamummaa miidiyaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru.
Kanarra kan darbe midiyaan hojii sirrii babbal’isuu, damee beeksisaa sirriitti cimsuu fi babbal’isuu akkasumaas dandeetti qorannoo guddisuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Bu’uuruma kanaan waggoota kurnaan dhufan keessatti buufatalee raadiyoo dhuunfaa amma jiran dabalatee dhibba 1 ta’aniif eeyyamni kan laatamu yoo ta’u, buufatalee raadiyoo hawaasaa dabalatan 100f eeyyamni ni lataama jedhameera.
Buufatalee televizhinii saatalaaytii amma jiran dabalataan 70 eyyamni ni laatama.
Miidiyaan tokko damee raadiyoo, televizhiinii, gaazeexaa fi barruu fayyadamuu danda’a.
Imaammata haaraan dhaabbilee amantaa fi dhalattoota lammii Ityoophiyaaf eeyyama televizhiinii kan laatu yoo ta’u, meeshaalee miidiyaaf galan irratti qaraxni taa’uu xiqqaa akka ta’u himaniiru.
Maricharratti hoggantoonni miidiyaalee, mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensoonni koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokiraasii, qaamolee dhimmi ilaalatu fi gaggeesitoonni boordii abbaa taayitichaa argamaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.