Fana: At a Speed of Life!

Anga’aan Kooriyaa Kibbaa ‘Kooriyaa Kaabaatiin ajjeefamuun gubame’

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC) – Anga’aan Kooriyaa Kibbaa ‘Kooriyaa Kaabaatiin ajjeefamuun gubame’.
Anga’aan Kooriyaa Kibbaa tokko loltoota Kooriyaa Kaabaatiin ajjeefamuun reeffi isaanii gubateera jechuun Ministeerri Ittisaa Kooriyaa Kibbaa ‘gocha hamaa’ kana balaaleffate.
Akka Sewool jettutti, namichi bidiruu naannoo dangaarra eegumsa gooturraa dhabamee turuun boodarra laggeen Kooriyaa Kaabaa keessatti argame.
Loltoonni Koriyaa Kaabaa erga rasaasaan ajjeesanii booda boba’aa itti firfirsuun gubani, jedha ministeerichi. Kan jechuu kan dandeenyes erga ‘qorannoo basaasaa hedduu’ taasifnee boodadha jedheera.
Piyoongiyaangi dhimmicha hin balaaleffanne.
Kooriyaan Kaabaa koroonaavaayiras ittisuuf jecha tarsiimoo ‘‘rukutii ajjeesi’’ jedhu baasuun namoonni daangaa akka hin qaxxaamurreef eegumsa cimsitee turte.
Akka Koriyaa Kibbaatti, namni ajjeefaman kun bulchiinsa qurxummii keessaa kan hojjatan yoo ta’u, wayita achi buuteen dhabametti bidiruudhaan daangaarraa km10 fagaatanii, odola Yewoonpiyaangi dhiyoo yabalaa turani.
Namni ganna 47 abbaa ijoollee lamaa ta’an kun, kopheesaanii dhiisuun jaakkeettii lubbuu oolchu fudhatanii akka turani hubatame. Sunis miliquuf yaalaa akka turan amanna jedha ibsichi.
Takka turees qaama bishaanii Koriyaa Kaabaarra bololi’aa argame.
Kooriyaan Kibbaa akka jettetti, namichi anga’oota warra Kaabaatiin erga gaaffii gaafatamee booda akka ajjeefamu ajajamee loltoonni Koriyaan Kaabaa maaskii kaawwatan ajjeesuun reeffa isaa gubani jedha.
Gocha hamaa akkasii haalaan balaaleffanna, Koriyaan Kaabaas ariitiin namoota kana godhan adabuu qabdi’’ jetteetti Kooriyaan Kibbaa.
Bakka sararri wal-qunnamtii biyyoota lameenii Waxabajjii darbe adda citeefi, waajjirri biyyoota lameen gargaaruuf ijaarame Koriyaan Kaabaan barbadaa’ee as, odeeffannoon kun akkamiin akka walitti qabame garuu ifaa miti.
Loltoonni Kooriyaa Kaabaa nama siiviilii yoo ajjeesan kun yeroo lammaffaaf ta’uu danda’a. Tuuristiin tokko Adoolessa bara Faranjootaa 2008tti naannoo Gaara Kumgaangitti loltuun dha’amee ajjeefamee ture.
Maddi:- BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.