Fana: At a Speed of Life!

Duudhaalee guddisuu fi dhalootaf beeksisuun bu’aa qaba- hayyoota

Finfinnee, Muddee 1, 20102 (FBC) – Duudhaalee guddisuu fi dhalootaf beeksisuuf hojjetamuu akka qabu hayyoonni damichaa himan.

Duudhaalee biyyaaleessaa barootaaf turan guddisuu fi dhalootatti beeksisuuf hojii cimaan hojjetamuu akka qabu Qorataan Seenaa fi Aadaa gargaaraan Proofeesaraa Ahimad Zakaariyaan ibsaniiru.

Keessattuu sirni araara fi jaarsummaa nagaa buusuuf bu’aa qabaniin yoo madaallaman xiyyeeffannoo itti kennuun barsiisuu fi haalaan hojiirra oolchuun murteessadha jedhaniiru.

Duudhaalee biyyatti irratti qorannoo ga’aa gochuun barbaachisaa ta’uu Qorataan Beekkumsa aadaa biyya obbo Abduul Fattahi Abdallaahii himaniiru.

Hayyoonni kunneen, sirna seera ammayyaan furmaata laachuuf duudhalee duraanii waliin walitti araarsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Duudhaleen araara fi jaarsummaa rakkoolee uummaman gamnummaa fi ogummaan hiikuuf malli qaban nageenyaa fi tokkummaa uumuu keessatti gita hin qaban jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.