Fana: At a Speed of Life!

Eejansiin Dhimma hawaasa misoomaaf kaafamanii hawaasa sababa misoomaan ka’aniif Abukaatoo ta’ee ni hojjata jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) – Eejansiin Dhimma hawaasa misoomaaf kaafamanii hawaasa sababa misoomaan ka’aniif Abukaatoo ta’ee ni hojjata jedhame.
 
Eejensiin dhimma hawaasa misoomaaf kaafamanii raawwii hojii bara 2012 fi karoora waggoota kurna dhufanirratti qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesseera.
 
Gaafii fi komii kaafamtoonni misoomaa kaasaa turan akkataa hojmaatawwanii fi seeroota jiraniin furuuf Eejjensichii Abukaatoo ta’ee ni hojjata jadhame.
 
Kaafamtootni misoomaa kaafamuun dura sababa kaafamaniifi, wayita kaafamaniis dhimmoota guuttamuu qabaniif irratti hubannoo argachuu akka qaban himameera.
 
Shallaggii fi kaffaltiin beenyaa haqa qabeessa ta’e, beenyaa kaffalamuufiin hojiilee hojjachuu danada’anirratti hubbannoo fi deeggarsa oggummaa argachuun hanqinni ture erga Eejansichi hundaa’ee furmaata argachaa dhufuu Daayreektarri olaanaan Eejjensii Dhimmaa Hawaasa misoomaaf kaafamanii obbo Galaanaa Nuurasaa himaniiru.
 
Misooma biyyattiif qa’ee fi qabeenyarraa ka’uun aarsaa guddaa kaffaluu waan ta’eef qaamooleen qooda fudhattootaa faayidaa hawaasa kabachiisuuf tumsuu akka qaban obbo Galaanaa gaafataniiru.
 
Akka Obbo Galaanaan jadhanitti hanqinaaleen faayidaa kaafamtoota misoomaa miidhaa turan hundeeffama ejjensichaa booda salphataa dhufaniiru.
 
Damee hundatti garuu qindoomiina wal fakkaatuun hojjachuurratti hanqinni jiraachuu eeraniiru.
 
Hanqina jiru maqsuuf rakkoolee keessoo fi qooda fudhatoota waliin jiru furuun faayidaa kaafamtoota misoomaa kabajchisiisuuf kaafamtootaa fi qooda fudhatoota waliin ni xiyyeeffannoon hojjatama jira jedhaniiru.
 
Gamaagamnii raawwii fi mariin karooraa ejjensichi magaalaa Adaamaatti gaggeessaa ture kallattii hojii fuulduraa ka’uun xumurameera.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.