Fana: At a Speed of Life!

Jilli hoggansa olaanaa Oromiyaa miidhamtoota lolaa laga Awaashif deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC)- Jilli hoggansa naannoo Oromiyaa miidhamtoota lolaa laga Awaash daawwachuun deeggarsa taasise.

Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisatiin duurfamu naannoo Afaaritti hawaasa lolaa laga Awaashin miidhame daawwate.

Jilichi deeggarsa addaddaas laatera.

Jilichaan preezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee sadarkaa itti aanaa preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessan kilaastara misooma baadiyaa Dooktar Girmaa Amanteen hammatamaniiru.

Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa jilicha simatanii miidhamtoota daawwachiisuun, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.