Fana: At a Speed of Life!

Guttinsa laga Awaashiin lammiilee miidhamaniif meeshaalee garagaraa Birrii kuma 900 fi kuma 50 tilmaamamu deeggarsa ta’e

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) –Miseensoonni mana maree bakka bu’oota ummataa guttinsa laga Awaashiin lammiilee miidhamaniif meeshaalee garagaraa Birrii kuma 900 fi kuma 50 tilmaamamu deeggarsa taasisan.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensoonni kookasii dubartootaa guttinsa laga Awaashiin lammiilee miidhamanii godina Shawaa bahaa magaalaa Matahaaraa mana barumsaa quabatanii jiraniif meeshaalee garagaraa Birrii kuma 900 fi kuma 50 tilmaamamu deeggarsa taasisaniiru.

Deeggarsi taasifame dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee mootummaarraa walitti kan qabame ta’uu walitti qabduun kookasuu aadde Ababaayee Gazaaheny ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Matahaaraa namoota qe’ee fi qabeenyarra bu’an dandamachiisuuf carraaqqii eegale cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Mootummaan Awaashii fi hara Bashaqaa lageen biroo hawaasarra miidhaa otuu hin qaqqabsiisiin karaa misoomaaf oolu taasisuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.