Fana: At a Speed of Life!

Balaa Konkolaataa muudateen lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Fulbaana 2, 2013 (FBC) –Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Bahaa aanaa Anadaadii fi magaalaa Adaamaatti balaa Konkolaataa muudateen lubbuun namoota 10 darbe.
 
Naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaa aanaa Anadaadiitti Konkolaataan deddeebisa ummataa halkan naannoo sa’aatii 9:00tti balaa qaqqabeen lubbuun namoota 9 batalumatti yoo darbu, namoota 20 irra miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabuu qajeelchi poolisii godinichaa beeksiseera.
 
Oduu walfakkaatuun magaalaa Adaamaa kutaa bulchiinsa Abbaagadaa Ganda Gadaatti halkan keessaa sa’a 9:00 yammuu ta’u konkolaataan ISUZU jedhamu lama walitti bu’uudhaan namaa fi qabeenya irratti miidhaan qaqqabsiiseera.
 
Balaa kanaan lubbuun Gargaaraa Konkolaachisaa Konkolaataa tokkoo battalumatti yoo darbu, kanneen hafan irra miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabuu isaa Koomishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksiseera.
 
Ka’umsi balaa lameetuu qoratamaa jira jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.