Fana: At a Speed of Life!

Bara xumurame 2012tti damee invastimantii fi daldalaan bu’aa gaariin galmaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) –Bara xumurame 2012tti damee invastimantii fi daldalaan bu’aa gaariin galmaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Bara haaraatti dameewwan invastimaatii fi daladalaa dabalataan ce’umsa teeknooloojii akkasumaas damee turizimiin bu’aa gaarii fiduuf qophii ta’ee eerameera.

Bara haaraa ilaalchisuun hawwii gaarii kan ibsan Deettaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Tsiyoon Takluu barri 2012 qormaataan kan guutame ta’ullee hojiiwwan hedduun raawwatamaniiru jedhan.

Deettaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Tsiyoon invastimantii, daldala, turizimii fi ce’umsa teeknooloojii dabalataan hojiiwwan hariiroo alaa fi dipilomaasii milkeessuf carraaquu eeraniiru.

Sadarkaa idil addunyaatti weerarri koroonaa qaamolee hundarratti dhiibaa uumuu yaadachiisaniiru.

Hojiiwwan invastimantii alaarratti mudhaawwan uumaman hiikuun bu’aa gaarii galmeessus himaniiru.

Invastimantiin alaa gara Ityoophiyaa dhufuu kan eegale dhiyoo ta’ullee rakkinoon heddun mudachuu ibsuun, dhaabbilee invastimantirratti bobbaa’an, imbaasiwwanii fi invastaroota waliin ta’uun hojiin rakkinicha hiikuu hejjetamuu eeraniiru.

Bara 2013tti dame turizimiin balii’anaan hojjechuuf qophaa’uu ibsaaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.