Fana: At a Speed of Life!

Bara haaraa sababeeffachuun Sirreeffamtoota 551f dhiifamn godhame

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Bara haaraa 2013 sababeeffachuun sirreeffamtootaa, federaalaa, naannoolee fi manneen sirreesaa ittisa waraanaa keessatti argaman 551f dhiifamni goadhame.
 
Sirrreefamtoota federaalaa ulaagaa dhiifamaa guutan manneen sirreessaa federaalaa, waraana ittisa biyyaa fi naannoolee keessatti argamaniif dhiifamni taasiifamuu Abbaa Alangaa Waliigalaatti itti gaafatamaan Boordii Dhiifamaa obbo Zallaqaa Dallaaloo ibsaniiru.
 
Boordichi ragaa dhiyaate qorachuun sirreeffamtoota dhiifamni godhamuufii qabu bu’ura yaada murtoo Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeef dhiyeesseen Preezdaanti Saahilawarq yaadicha fudhachuun raggaasisaniiru.
 
Sirreeffamtoota kanneeniif akkaataa ulaagaa labsii dhiifamaa lakkoofsa 840/2006 fi qajeelfama labsicha hojiirra oolchuuf ba’e lakkoofsa 1/2007 ulaagalee idileen dhiifamni godhameefira.
 
Ulaagaa idilee kanarraa sirreeffamtoonni yeroo murtii isaanii 1/3 xumuratan 293 fayyadamoo ta’aniiru.
 
Sirreefamtoonni murtiin waggaa 3 gadi itti murtaa’ee murtee isaanii fixachuuf waggaa 1 gadi isaan hafee baatii Bitootteessaa dhiifamni godhameefii sababa garaagaraan osoo hin ba’in turan 128 miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisu hir’isuuf jecha dhiifamni godhameefira.
 
Haadholiin ulfii fi daa’ima qaban dhiifama sadarkaa 2 kana keessatti aragmu.
 
Sirreeffamtoonni weerara vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’an 113 sadarkaa 3ffaan dhiifama kanarraa fayyadamoo ta’uu obbo Zallaqaan ibsaniiru.
 
Sadarkaa 4ffaan sirreeffamtoonni sababa umrii isaaniin weerara vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’un 17 fayyadamoo dhiifamichaa ta’aniiru.
 
Sirreeffamtoota dhiifama gaafatan 911 keessaa sirreeffamtoonni 360 ulaagaa waan hin guunnef Boordichi kuffiseera jedhan obbo Zallaqaan.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.