Fana: At a Speed of Life!

Taphoota liigii biyyoota Awrooppaa eda galgalaan Faransaayii fi Beeljiyeem markattoota isaanii injifatan

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) –Taphoota liigii biyyoota Awrooppaa sagal eda galgala taphatamaniin Faransaayii fi Beeljiyeem milkaa’aniiru.

Taphoota neeshin liigii Awrooppaa eda galgala taphataman sagal keessa taphoonn 7 injifannoo yoo xumuramu, taphoonni 2 ammoo walqixaan xumurameera.

Haaluma kanaan:-
Beeljiyeem 5 – 1 Iceland
Swiidiin 0 – 2 Poorchugaal
Faransaay 4- 2 Krooshiyaa
Arminyaan 2 – 0 Estooniyaa
Luuksambargi 0 – 1 Moonteenegroo
Qopruus 0 – 1 Azaarbaajan
Sanmariinoo 0 – 2 Lechetensteen xumurameera.

Gama biroon taphni Deenmaark fi Ingilaand goolii malee yoo xumuramu, taphni Joorjiyaa fi Makdooniyaa Kaabaa gidduutti gaggeeffame 1 qixaan xumurameera.

Akka ragaan fuula liigichaarraa argame muul’isutti taphoonni hafan galgala kanas ittifu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.