Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen saffisa konkolaattootaa too’atan naannooleef rabsaman

Finfinnee, Qaammee 3,2012 (FBC) – Too’annoo tiraafikaa ammayyeessuuf meeshaalee saffisa too’atan birrii miiliyoon 25 olitti tilmaaman naannooleef rabsuu Ministeerri Geejjibaa beeksise.
 
Meeshaalee saffisa too’atan 31 naannoolee 9f rabsamuu Ministirri Ministeera Geejjiibaa aadde Daagmawiit Mogas dubbatarru.
 
Maloota balaa tiraafikaa ittisuuf gargaaran keessaa saffisa too’achuun isa tokko jedhan.
 
Hojmaaticha ammayyeessuuf teeknooloojiiwwan haaraa naannooleef deeggarsa taasiisuu aadde Daagmaawiit ibsaniiru.
 
Balaa tiraafikaa hir’suuf qaamoolee damee geejjibaarratti hojjetan waliin qindoominaan hojjechuuf karoorfamuu eeraniiru.
 
Bara baajataa darbeetti balaan tiraafikaa %10.9 hir’achuu kan eeran aadde Daagmaawiit, yaa ta’uutii balicha hanga yaaddame hir’isuun hin danda’amne jedhan.
 
Bara darbe keessatti balaa tiraafikaan lubbuun namoota kuma 4 olii darbuu eeraniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.