Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti gama misooma bineensoota bosoonaa fi egumsaa irraatti hojjatamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gama misooma bineensoota bosoonaa fi egumsaa irraatti hojjatamuu akka qabu ibsame.
 
Abbaan taayitaa Misoomaa fi eegumsa Bineensota bosonaa Ityoophiyaa karoora misooma waggaa 10 fi karoora bara hojii 2013 irraatti marii taa’eera.
 
Qabeenyi umaamaa fi bineensoota bosoona Ityoophiyaan qabdu sadarkaa Idil-adduunyatti olaanaa ta’us haala barbaadameen akka itti hin fayyadamne marii kanarratti eerameera.
 
Qabeenya umaamaa kana sirnan eeguu haalan itti faayyadamuu fi misoomsun dinagdee biyyaatti guddisuun akka baarbachisus himameera.
 
Mariicha irraatti raawwii hojii bara baajataa 2012 irratti kan mari’atame yoo ta’u dhiibbaa weerarri vaayirasii Koroonaa dhaqqabsiseen itti fayyadamansi baajata waggaa idileedhan harka 96 akkasumas bajata Kaappitaalan immoo harka 78 ta’uun ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.