Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin biiznasii Iityoo – Saawdii Arabiyaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Fooramiin biiznasii Iityoo – Saawdii Arabiyaa gaggeeffame.

Fooramichi dhaabbilee Ityoophiyaa fi Saawdii Arabiyaa walitti kan fide yammuu ta’u, har’a magaalaa Finfinnee Hoteela Sharaatanitti gaggeeffameera.

Fooramichaan invastimantii kallattii alaa hawwachuu fi hidhata biiznasii cimsuurratti xiyyeeffatameera.

Waltajjicharratti hoggantoonni mootummoota biyyoota lamaanii, abbootiin qabeenyaa 150 ol ta’an hirmaataniiru.

Ministir deettaan dhimma diinagdee diyaaspooraa Ministeera Dhimma Alaa FDRI Dooktar Akliiluu Haaylamikaa’eel biyyoonni lamaan hariiroo baroota dheeraa qabaachuu ibsanii kanas diinagdeedhan caalmaan utubuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaatti abbootiin qabeenyaa eeyyama qaban 229 Ityoophiyaatti bobba’aniiru.

Itti aanaan ministira Ministeera Dhimma Alaa Saawdii Arabiyaa Ahimad Al Qaaxaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf ni hojjenna jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.