Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan waliinii sadarkaa magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC) – Guyyaan waliinii sadarkaa magaalaa Finfinneetti sagantawwan garagaraan kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree “Ani Lammii kofi” jedhuun kabajamaatu kan jiru.

Sagantichi itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee jiraattota kuta magaalaa Gulallee mannee waliin jireenya Tsiyoon waliin gamtaan sosochii qaamaa taasisuun eegalaniiru.

Itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach, jiraattota kutaa magaalaa Gullallee, aanaa 08 manneen waliin jireenyaa Tsiyoon wajjin Ispoortiin nageenyaaf, tokkummaa fi jaalalaaf jennee eeggalleerra jedhan.

Jirattoota kanneeniifis daabboo Shaggar bilisaan raabsaniiru.

Guyyaa har’aa kana haala jaalalaan guutameen, wal gargaaruu fi waan qabnu waliif qooduun haa dabarsinu jedhan aadde Adaanach.

Oduuma wal fakkatuun magaalaa Finfinneetti daabboo kuma 700 tolaan rabsuuf waadaa kan galee daabboon Shaggaar har’a ganama daabboo kuma 400 kuta magaalaa hundaatti ni raabsama jedhameera.

Dabalataniis addee Adaanach, harka qalleeyyii kutaa magaalaa Yakkaa jiraataniif keenna ayyaana hoolota 400 laataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.