Fana: At a Speed of Life!

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy miseensota koree Noobeelii waliin Noorweeyitti walga’an

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad miseensota koree badhaasa Noobeelii waliin Noorweeyitti walga’an.

Dooktar Abiy guyyaa har’aa magaalaa Oslootti badhaasa Noobeelii isaanii ni fudhatu jedhameera.

Muummeen ministiraa Dooktara Abiy Ahimad baatii Fulbaanaa darbe badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 moo’achuun isaanii ni yaadatama.

Dooktar Abiy turtii isaanitiin muummee ministiraa Noorweey Eernaa Soolbargii fi mootii Heeraald 5ffaa waliin ni mari’atu jedhameera.

Guyyaa har’aa galma walga’ii magaalaa Oslootti ibsa ni laatu jedhameet eeggama.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy erga aangootti dhufanii hojii boonsaa fi jijjiirrama qabatamaa agarsiisaniin badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019f koree badhaasaan filatamaniit turan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.