Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dabalataan namoonni 506 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 506 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 4022 hojjetameen vaayrasichi namoota 506 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 7776 ga’eera.
Waliigala Lubbuun namoota 50 darbeera.
Nammoonni haaraan 479 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 3,055 dandamataniiru.
Namoonni 3 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4671 ta’uu biirichi ifoomseera.
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 157,638 gaggeeffameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.